Afaan Oromo - Chapter 7: Past Tense Verbs

Narrative
An Oromo History (Seenaa Oromoo)
About this sound Play all
About this sound play Bara dheeraaf sabni Oromoo nagayaan aadaa, diinagdee fi polotikaa isaa oofuu ture. Yeroo kana keessatti diinagdeen biyya Oromoo akka gaariitti guddatte. Akkasumattiis aadaa fi sirni of bulchiinsaa bal'ate.
About this sound play Haa ta'u malee, toora jaarraa 15 irratti duulli Habashaa fi Mootummaa Islaamaa o'aa deeme. Kuni saba Oromoo yaada keessa seensise. Sabni Oromoo diina jajjabaa kana ofirraa dhorkuuf suuta-suutaan humna lolaa guddisuu jalqabe. Duulaaf sabni Oromoo hin jarjarre. Obsa wajjin duula Habashaa fi Mootummaa Islaamaa akeekatani eegan. Habashaa fi Mootummaan Islaamaa lafa Oromoo irratti wal lolan.
About this sound play Imaam Ahmed biyya Habashaa akka hamaatti cabse. Magaalota Habashaa tokko-tokkoon gube nama hedduus fixe. Akkuma ta'eti, duultuun Portugaal bara 1543 dhufani Habashaa gargaaran. Imaam Ahmed lola Portugaal wajjin godhame irratti kufe.
About this sound play Kana booda Amir Nur 1559, duultuu fi meeshaa duulaa fudhate Habashaa rukute. Amir Nur mootii Habashaa Galaawdiyos kan jedhamu ajjeese nama hedduus fixe. Amir Nuriif waan hafte biyya Habashaa of jala bulchuu. Kanaaf biyya isaatti deebi'e namaa fi meeshaa barbaachis qopheessuuf karaa galaana deemuu ture.

About this sound play Akka olitti jenne, sabni Oromoo duula Habashaa fi Mootummaa Islaamaa eegaa ture. Hoggaa Amir Nur Hasaloo ga'u duultuun Oromoo duultuu isaa rukutte. Hasalootti duultuun Mootummaa Islaamaa hedduu dhume. Amir Nur lubbu isaa baafate nama xiqqoo wajjin. Adaree-biyyoo gale. Hasaloo booda sabni Oromoo lafa isaa Habashaa, Mootummaa Islaamaa fi saba biraarraa suuta-suutaan haga jaarraa 18 harka isaa seensifate.


Verbs in the Affirmative
To express actions completed in the past, verbs are conjugated in the simple past tense. Verb groups described in Chapter 4 remain the same independent of verb tense. That is, if one knows the present-future conjugation pattern for a verb, one can accurately conjugate that verb in the simple past (or any other tense, for that matter). Compared to the present-future affirmative conjugation, only the final vowel changes to form the simple past. The table below shows how to change a verb conjugated in the present-future to the present negative and simple past affirmative.[1]
final vowel in
the present aff
ending in
    present neg    
ending in past
aff
aue
iue
uanan(i)
So that “you learn” is baratta, “you don't learn” is hin barattu, and “you learned” is baratte.
The exceptions to this rule are the “to be” verbs: dha and jiruu. These verbs are only used in the present-future tense, and in the past tense are replaced by the verb turuu, which in the present tense means “to stay/wait”. To say “it is present” is jira, but “it was present” is ture. This verb is regular, as shown in the conjugation table below.
“To be” in the Simple Past
aninan ture    nutini turre
atini turteisinni turtani
innini tureisaan    ni turani
isheen    ni turte
The preverbs nan (or -n suffix) and ni are used in the past tense just as they are in the present-future tense (see Chapter 4 for use of nan and ni).

Verbs in the Negative
Verbs in the simple past negative use the hin preverb (as in the present-future tense negative) and the simple past form from the 2nd person plural. The simple past negative is therefore the same for all persons. Context or a pronoun are required to clarify the person to whom the verb is referring. To say “I didn't know” is “ani hin beekne”, “you didn't know” is “ati hin beekne”, “they didn't know” is “isaan hin beekne”, etc.
Like dha, miti is only used in the present-future tense. In the past tense, it is replaced by hin turre, meaning “was/were not”.
Verbs from the main conjugation groups are shown below for present affirmative, present negative, past affirmative, and past negative.
Deemuu — 'to go' (regular verb)

PresentPast

Affirmative    Negative    Affirmative    Negative
ani        nan deemahin deemunan deemehin deemne
nutideemnahin deemnudeemnehin deemne
atideemtahin deemtudeemtehin deemne
isindeemtuhin deemtandeemtanihin deemne
innideemahin deemudeemehin deemne
isheendeemtihin deemtudeemtehin deemne
isaandeemuhin deemandeemanihin deemne

Nyaachuu — 'to eat' (-chuu verb)

PresentPast

Affirmative    Negative    Affirmative    Negative
ani        nan nyaadhahin nyaadhunan nyaadhehin nyaanne
nutinyaannahin nyaannunyaannehin nyaanne
atinyaattahin nyaattunyaattehin nyaanne
isinnyaattuhin nyaattannyaattanihin nyaanne
inninyaatahin nyaatunyaatehin nyaanne
isheennyaattihin nyaattunyaattehin nyaanne
isaannyaatuhin nyaatannyaatanihin nyaanne

Haasa'uu — 'to talk' (-oof- verb)

PresentPast

Affirmative    Negative    Affirmative    Negative
ani        nan haasa'ahin haasa'unan haasa'ehin haasoofne
nutihaasoofnahin haasoofnuhaasoofnehin haasoofne
atihaasooftahin haasooftuhaasooftehin haasoofne
isinhaasooftuhin haasooftanhaasooftanihin haasoofne
innihaasa'ahin haasa'uhaasa'ehin haasoofne
isheenhaasooftihin haasooftuhaasooftehin haasoofne
isaanhaasa'uhin haasa'anhaasa'anihin haasoofne

Danda'uu — 'to be able' (-ees- verb)

PresentPast

Affirmative    Negative    Affirmative    Negative
ani        nan danda'ahin danda'unan danda'ehin dandeenye
nutidandeenyahin dandeenyudandeenyehin dandeenye
atidandeesahin dandeesudandeesehin dandeenye
isindandeesuhin dandeesandandeesanihin dandeenye
innidanda'ahin danda'udanda'ehin dandeenye
isheendandeesihin dandeesudandeesehin dandeenye
isaandanda'uhin danda'andanda'anihin dandeenye


Vocabulary from the Narrative
aadaaculture, tradition
ajjeesuuto kill
akeekachuuto observe
akkalike, as
akkasumattiin this way
akkumajust as, just like
akkuma ta'etisomehow
baafachuuto escape, flee
bal'achuuto widen
baratime period, era
bara dheeraaf“for a long time”
biyyacountry
cabsuuto break
deebi'uuto come back, return
dheeratong
dhorkuuto forbid, prevent
dhumuuto be finished, completed
diinaenemy
diinagdeeeconomy
duulabattle, campaign
duultuusoldiers
eeguuto wait
fixuuto finish, exterminate
fudhachuuto take, receive
ga'uuto reach, be enough
gargaaruuto aid, assist
gubuuto burn
guddachuuto grow, develop
guddisuuto increase
haa ta'u maleebut, however
HabashaaHabasha, Abyssinian (from Amhara)
hafuuto remain
hamaamean, vicious, evil
hamaattiviciously
hoggaa, yoomwhen (relative pronoun)
humnapower, force
humna lolaaarmy [lit. “fighting force”]
jaarraacentury
jabaastrong
jalaunder
jalqabuuto begin
jarjaruuto be in a hurry
kana boodaafter this
karaa galaanaby sea
kufuuto fall, die in battle
lafaland
lolafight
loluuto fight
lubbulife
magaalaatown, city
meeshaagoods, materials
meeshaa duulaaWeapons [lit. “fighting materials”]
mootiiking
mootummaakingdom
o'aahot
obsapatience
obsa wajjinpatiently [lit. “with patience”]
of bulchiinsaaself-governance
of jala bulchuuto control
polotikaapolitical system
qopheessuuto prepare, make ready
rukutuuto hit, strike
sabapeople, nation
seensisuuto cause to enter
seenuuto enter
sirnisystem
tokko-tokkoonone by one
wal loluuto fight each other
yaadathought, idea
yerootime
yeroo kana keessatti“at this time”

Notes
  1. Some dialects prefer -tan and -an for 2nd and 3rd person plural past, while others tend to use -tani and -ani. Both are used in western Oromia and are considered correct in the Wellega dialect. Only the later method will be used for examples in this text for consistancy.
 Source: Wikibooks

No comments:

| Copyright © 2013 Lomiy Blog